Wednesday, December 2, 2015

SBO: Gabaasaa FDG Baha Oromiyaa



SBO: Gabaasaa FDG Baha Oromiyaa

Haromaya-University2-20151130Sagalee Bilisummaa Oromoo (SBO): Fincilli diddaa gabrummaa fi mormiin karoora Maastar Pilaanii Finfinnee Sadaasa 29 bara 2015 galgala toora sa’aatii 10:00tti Yunvarsiitii Haramaayaa keessatti gootota barattoota qeerroo Oromootiin qabsiifame borumtaa isaa, Sadaasa 30 bara 2015s itti fufuu maddeen naannicharraa gabaasa nuun gahaniin addeessaniiru.
Humnoonni waraanaa mootummaa wayyaanee gaaffii mirgaa fi hiriira mormii barattoonni karaa nagaa gaggeessan humnaan ukkaamsuudhaafis wayta yaalanitti qeerroo barattoonni Oromoo gootummaadhaan dura dhaabbachuun walitti bu’iinsi jabaan uumamuunis ibsameera.
Wayta humnoonni diinaa ilmaan Oromoo gaaffii mirgaa dhiyeeffatanirratti tarkaanfii farrummaa fudhatanitti ummanni naannichaas kallattii hundaa jigee Yunvarsitichatti qajeeludhaan, barattootaaf birmachuudhaan mootummaa wayyaanee dura dhaabbachuun FDG finiinsuutu barame. Waytuma kanas humni diinaatis kan poolisaa irratti humni Federaalaa dabalataan ergamuudhaan waldura dhaabbannoo fi lolli jabaan gaggeeffamee moorichi dirree lolaa fakkaatee ooluu maddeen ibsaniiru. Keessumaa waldura dhaabbannoo hawaasa ilmaan isaa cinaa hiriiree fi humnoota diinaa jidduutti uumameen lolli yeroo dheeraadhaaf kan gaggeeffame yoo tahu, dhukaasa hidhattoonni wayyaanee barattootaa fi ummata meesha-maleeyyii irratti bananii fi reebicha ulfaataa geggeessaniin barattootni 7 wareegamuu fi shamarreen takka ammoo madeeffamuun ibsameera.
Ilmaan isaa karaa nagaa gaaffii mirgaa dhiyeeffatan rasaasaan ajjeeffamuutti haalaan kan dallane ummanni naannichaatis mancaa guurratee aarii jabaadhaan humnoota diinaatti bobbahuun Poolisoota diinaa 3 ajjeesee 2 ammoo miidhaa ulfaataa irraan gaheera. Ummata roorroo humnoota diinaa qolachuuf sossohe keessaayis 2 wareegamaniiru.
Waldura dhaabbannoo naannawa Yunvarsiitii Haramaayaatti ummataa fi barattootni Oromoo gama tokkoon, hidhattoonni diinaa gama kaaniin itti jiran kanaan loltoonni wayyaanee hedduun kan madeeffaman yoo tahu, warreen madaahan kunis hospitaala magaalaa Harar kan Caffee geeffamuutu ibsame. Ummanni Oromoo humnoota diinaa bakka isaan waldhaansaaf geeffamanitti itti dhaquun tarkaanfii fudhachuuf wayta sossohetti wayyaanonni rifachuudhaan madoo isaanii achi keessaa baasuudhaan odoo konkolaataadhaan geejjibeessaa jiraniis konkolaatichi garagalee balaan biraa irra gahuu maddeen ibsaniiru.
Irree fi gaachana saba Oromoo kan tahe, humni addaa WBO Godina Baha Oromiyaas humnoota diinaa hidhachiifamuun barattootaa fi ummatatti bobbaafamanii ilmaan Oromoo ajjeesan irratti tarkaanfii guma baasuu fudhateenis hidhattoota amanamoo sirna wayyaanee Federaala irraa ergaman keessaa 8 ajjeesee 11 madeessuu Ajajni WBO godinichaa ibsee jira.

Mormii MASTER PLAN Finfinnee fi labsii magaalota Oromiyaa irratti ergamtuu wayyaanee Caffee OPDOtin dabarfame mormuudhaan akkasumas gaaffii mirga abbaa biyyummaa kaasudhaan diddaa barattoonni Oromoo yunvarsiitii Haramaayaa kaasanii fi sochii ummatichis ilmaan isaa barattoota cinaa dhaabbachuudhaan finiinse kanaan walqabatee waraanni wayyaanee guutummaa naannolee Baha Oromiyaa qubsiifamuu fi daandileen konkolaataa cufamuu maddeen ifa godhaniiru. Haala kanaanis karaan Dirree-dhawaa fi Harar jidduu jiru cufamee sochiin bifa hundaatuu akka dhaabbatu taasifamuun hubatameera.
Guyyuma kana FDG magaalaa Harar keessatti qabsiifameen walqabatee lammiilee Oromoo gaaffii mirgaa dhiyeessanii fi warreen dhalootaan Oromoo hin taane shira wayyaaneen diina cinaa hiriiran jidduutti walitti bu’iinsi guddaan uumamuunis ibsameera. Keessumaa dhalattoonni Adaree fi warreen biroo gariinis humnoota wayyaanee wajjin hiriiruudhaan ilmaan Oromoo haleelsisuuf wayta yaalanitti tarkaanfii of ittisuu ummanni Oromoo fudhateen Adareetarraa namoonni 8 haala hamaan madeeffamuutu barame.
Sochii FDG qeerroo barattoonni Oromoo Yunvarsiitii Haramaayaa ummata naannichaa waliin tahuudhaan mootummaa wayyaanee irratti adeemsaa jiran kanaan kan kahe magaalaan Harar humna diinaa lakkoofsaan danuu tahee fi meeshaalee waraanaa guguddaa hidhateen marfamtee seensaa fi bahumsi dhoowwamee naannichi dhiphuu hamaa keessa akka jirutu ibsamaa jira.
Humnootni poolisaa dhalootaan Oromoo tahan barattootaa fi ummata irratti tarkaanfii fudhachuu irraa wayta of qusatan mul’ataniiru kan jedhan maddeen, barattootaa fi ummata cinaa dhaabbachuun sochiitti akka jiranis hubachiisan.

Bifuma walfakkaatuun Baha Oromiyaa bakkoota akka Galamsoo/Odaa-Bultum, Ciro, Hirnaa fi kkf keessattis sochiin sirna cunqursaa wayyaanee fi Master Plaanii Finfinnee mormu gageeffamaa jiraachuu fi eegumsi humnoota diinaatis hammeeffamee akka jiru barameera.
Diddaa kanaan walqabatee humni ibsaa Mi’eessoo fi Ciroo jidduu jiru kan kutame yoo tahu, humni addaa WBO guyyuma kana tarkaanfii haleellaa fudhateen gaafatamaa tikaa naannoo Doobbaa battalumatti ajjeesee jira.

Karoora Maastar Pilaanii fi labsii magaalota Oromiyaa irratti dabarfame mormuudhaan akkasumas gaaffii mirga abbaa biyyummaa kaasudhaan FDG ilmaan Oromoo Baha Oromiyaatti Ummata waliin tahuudhaan kaasan kun ammallee finiinee kan jiru yoo tahu, Yunvarsiitii Haramaayaa akkasumas Hararii fi Dirree-dhawaa dabalatee naannoleen Baha Oromiyaa eegumsa humnoota diinaatiin goolamaa fi waldura dhaabbannoo jiru irraa dhiphuun hamaan uumamee jira.
Humnoonni wayyaanee basaaasotaa fi lukkeelee ummataa fi barattoota keessa sussuuqqatanitti dhimma bahanii ilmaan Oromoo adamsaa jiraachuu kan eeran maddeen keenya, barattoonni gariin magaalota lameen gadi lakkisanii gara baadiyyaatti baqataa jiraachuu fi ummanni ammoo ilmaan isaa humnoota diinaa irraa ittisuuf sochii gama hundaa taasisu jabeessee jiraachuu ifa godhan.

Humnoota hidhattootaa bobbaasee FDG fi gaaffii mirgaa barattoonni Oromoo kaasaa jiran ukkaamsuu akkasumas ummata dallansuun irratti fincile falmaa irraa of booda deebisuu kan dadhabee fi haalichi ittuu hammaachaa deemuu kan hubate gartuun abbaa irree wayyaaneen, mormii itti dhalate of irraa qabbaneessuuf bifa manguddummaatiin yaalaa jiraachuus maddeen saaxilaniiru.
Akka maddeen jedhanitti mormii Yunvarsiitii Haramaayaatti barattootaan eegale kun daran finiinuun wayyaanee naasuu keessa seensisuu akkasumas humnoota hidhattootaa inni bobbaaserratti tarkaanfiin fudhatamuun kasaaraa guddaa kan irraan gahe oggaa ta’u, diddaan ummanni naannichaa ilmaan isaa faana hiriiruun gaggeessee fi ammas bifa ho’aadhaan itti jiru akkaan mul’ataa tahuu dabaluun ibsan.

Lolaa fi wal dura dhaabbannoon hidhattoota wayyaanee fi ilmaan Oromoo jidduutti uumame kun ammallee kan hin qabbannoofne yoo tahu, keessumaa ummanni Oromoo duula humnoota hidhattootaa fi yaalii sossobbii wayyaanee fashalsuudhaan ammayyuu FDG fi gaaffii mirga abbaa biyyummaa jabaa finiinsee akka jiru hubachuun dandahameera.
. Ayyaantu.